Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Naasisee Caalii haala waqtaawaa biyyaarraarratti  Kanaadaatti itti aantuu Ministiraa Dhimmoota idil addunyaa Sahaaraa gadiif ibsa laata

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC)- Kanaadaatti amasaaddarri Ityoophiyaa  Naasisee Caaliihaala waqtaawaa biyyaarratti Kanaadaatti itti aantuu Ministiraa Dhimmoota idil addunyaa Sahaaraa gadii Maalaa Kaahaanaaf ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Naasiseen mootummaan duula olaantummaa seera kabachiisuu naannoo Tigraayiitti fudhata jiruurratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniitin heeraa mootummaa biyyatti baraaruu fi yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru.

Kanarra darbees ambaasaaddarittin lammiileen buqqa’aan deeggaruuf deeggartootaa waliin hojjechuuf murannoo akka qaban qophii ta’uu ibsaniiru.

Kanaadaatti itti aantuu Ministiraa Dhimmoota idil addunyaa Sahaaraa gadii Maalaa Kaahaanaaf gama isaaniitiin ibsa amabaasaaddar Naasiseen taasisaniif galateeffachuun mootummaan Kanaadaa yeroo kamiiyyuu mootummaa Ityoophiyaa fi ummataa cinaa ni dhaabbata jedhaniiru.

Lammiilee buqqa’aan deebisaanii dhaabuu fi bu’uuraalee misoomaa diigaman ijaaruuf mootummaan Kanaadaa deeggarsa laatuu cimsee akka itti fufuu mirkaneessuu ragaan Kanaadaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argannee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.