Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Nabiil Maahdi Itti Aanaa Preezdaanti Sudaan Kibbaa Riik Maachaar waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 8, 2013 (FBC)- Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Nabiil Maahdi Itti Aanaa Preezdaanti Sudaan Kibbaa Riik Maachaar waliin mari’atan.
Aanga’oonnii lameen dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii cimsanii fi naannawaa irratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Nabiil Maahdi hariiroon biyyoota lameenii baroota dheeraa kan lakkoofsise tahuu eeruun, hariiroo baroota dheeraa ture caalumatti cimsuuf, biyyoota lameen daandii fi bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu himaniiru.
Itti Aanaa Preezdaanti Sudaan Kibbaa Riik Maachaar gama isaaniin, biyyoonni lameen biyyoota qabeenya uumaamaan hedduu badhaate tahuu eerruun, kana fayyadamuuf bu’uuraalee misoomaan walitti hidhamuu akka qabu ibsaniiru.
Haala naannoo Tigiraay jiru guutuumaatti sirratee tasgabbiin waaraan akka uumamu abdii qaban himaniiru.
Walhubannaa dhabuun hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiraatti ka’u mariin hiikamuu akka qabus ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.