Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Quu Doong Yuu  waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin oomishaa fi oomishtummaa midhaan nyaataa, Jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi misooma waaraa haala itti fufsiisuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Ambaasaaddar Reedwaan hojiilee misooma qamadii bonee, Ashaaraa Magariisaa, Misooma Indaastirii fi proojektiiwwan biroo mootummaan hojjetamaa jiran irratti ibsa laataniiru.

Dhaabbatichi dameewwan garaagaraan Ityoophiyaaf deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisuun, fuuldurattis deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Quu Doong Yuun gamasaaniin, fakkeenya  Ityoophiyaan Ashaaraa magariisaan Afrikaaf taa’aa jirtuu fi damee qonnaan jijjiirrama fiduuf tattaaffii mootummaan taasisaa jiru dinqisiifachuu ragaan Xaaliyaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.