Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Yibalxaal bakka bu’aa ergamaa addaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Sudaanitti ambaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon bakka bu’aa ergamaa addaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin haala yeroorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroon bakka bu’aa ergamaa addaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Sudaanitti itti gaafatamaa qindeessaa deeggarsa ce’umsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Voolkeer Pirtazhiis waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Yibalxaal haala waqtaawaa waldhabdee daangaa Ityoo –Sudaan irratti ibsa laataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa dhimmicha karaa nagaan furuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaan Guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa haala qaama hunda fayyadamoo taasiisuu danda’uun itti gaafatamummaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Dabalataan Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroon duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee deeggarsa namoomaa naannichatti taasiifamaa jiruu fi sosochii dhaabbilee miidiyaarratti ibsa laachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.