Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Misaa’eloota fageenya dheeraa furgugsaman Yuukreeniif deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Ameerikaan Misaa’eloota fageenya dheeraa furgugsaman Yuukreeniif deeggarsa taasiisuu eerame.
Yuukreen Misaa’eloota fageenya dheeraa furgugsaman Waraana Raashiraatti fayyadamuu eegaluu Aanga’oonni Ameerikaa mirkaneessaniiru.
Deeggarsa Ameerikaan Yuukreeniif raggaasiifte Doolaara miiliyoona 300 keessaa qaama tokko kan ta’e Misaa’eloonni kunneen baatii kana keessa Yuukreen ni qaqqabu jedhame.
Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan yeroo ammaa deeggarsa Yuukreeniif kan oolu Doolaara biiliyoona 61 mallatteessaniiru.
Waggaa walakkaa shakkii fi falmiin dabarsine milkeessuuf waa hunda ni raawwanna jedhan Pireezidaantiin Yuukreen Voolandimiir Zalaniskiin.
Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen erga eegalee gamlachuunuu lammiilee fi loltoonni hedduun ajjeeffamuu fi miiliyoonoonni qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru BBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.