Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan miseensota Paartii Koomiiyuuniist Chaayinaarra qoqqoobbii imalaa kaa’uufi

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp miseensota Paartii Koomiiyuuniist Chaayinaarra qoqqoobbi imalaa kaa’uufi yaadaa jiraachuu dhaga’ame.
 
Qoqqoobbichi sadarkaa wixineetti qophaa’uu himameera.
 
Karoorichi Preezdaant Traampiif dhiyaachuun kan ragga’u yoo ta’e tarkaanfii Ameerikaan Chaayinaarratti fudhattee keessa isa cimaa ta’uu danda’a jedhame.
 
Akka karoorichaatti miseensota Paartii Koomiiyuuniistii fi maatii isaanii dabalatee dhaabbilee daldalaa fi namoota dhuunfaa faayidaa Ameerikaarratti dhiibbaa qaqqabsiisan jedhaman hunda qoqqoobbichi ni ilaallata jedhame.
 
Tarkaanfiin ammaa kun garaagartee biyyoota lameenii caalmaatti cimsuu akka danda’u himamaa jira.
 
Qoqqoobbiin hojiirra ooluuf jedhu kun namoota miiliyoonaan lakkaawwan tuquu danda’a jedhameera.
 
Ameerikaan qoqqoobbicha yoo raggaasifte, mootummaan Chaayinaas lammiilee Ameerikaa gara biyyattii seenaan irratti duub deebii kan fudhatu ta’uu gabaafamaa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.