Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti gargaaraan barreessaa dhimmoota Afrikaa Tiiboor Naazh Ityoophiyaa daawwachuufi

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC)  – Ameerikaatti gargaaraan barreessaa dhimmoota Afrikaa Tiiboor Naazh Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa shan daawwannaa ni taasisu.

Tiiboor Naazh guyyaa Jimaata dhufu eegalanii Giddugala Rippabiliika Afrikaa, Ityoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan ni daawwatu.

Daawwannichaan bulchiinsa gaarii fi dimokiraasii cimsuu, malaamaltummaa ittisuu, nannichatti nageenya buusuu akkasumaas invastimanti babballisuu fi cimsuurratti ni mari’atu jedhameti eegama.

Turtii isaanii kanaan aanga’oota mootummaa olaanoo, deeggartoota misoomaa idila addunyaa, bakka bu’oota hawaasaa fi miseensoota hawaasa Yuunvaarsiitii waliin dhimmoota garagaraarratti kan mari’atan ta’uu ibsa Waajjirri Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa baase ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.