Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti namoonni Covid-19 qabaman miiliyoona 2.5 yeroo darbe kanatti sochiin deebiyee dhorkame

Finfinnee,Waxabajjii 21, 2012 (FBC) –  Ameerikaatti namoonni Covid-19 qabaman miiliyoona 2.5 yeroo darbe kanatti sochiin deebiyee dhorkame.

Kutaaleen bulchiinsa Ameerikaa keessatti tatamsa’inni vaayrasii koroonaa deebiyee akkaan dabalaa waan jiruuf karoorri uggurri kaawwamee ture akka ka’u gochuun manneen hojiifi daldalaa banuuf ture hafeera.

 

Keessattuu ammoo lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii kan kutaaleen bulchiinsaa Filooriidaa fi Teksaas guddina isaatiin kan kanaan dura galmaa’e ni caala

 

Guutummaa Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miliyoona 2.5 qaqqabeera.

Kutaawwan bulchiinsa Ameerikaa gama Kibbaa jiranitti weerarichi akka deebi’ee hammaatuuf sababiin ammoo manneen daldalaa dhiyeenya kana akka deebi’anii banaman gochuudha jedhameera.

 

Sanbata kaleessaa qofa Filooriidaa keessatti namoonni haaraan 9,500 ol vaayirasichaan qabamaniiru. Jimaata darbe ammoo namoota 9,000 ture.

 

Lakkoofsi namoota haaraa koronaavaayirasiin qabaman kunneen Filooriidaafi Teksaasitti sochiin akka deebi’ee ugguramu taasiseera.

 

Dhimma vaayrasii koroonaa irratti gorsaan gameessi mootummaa Yuunayitis Isteet DooktarAntoonii Faawuchii torban darbe akka jedhanitti, biyyattiin “rakkoo hamaa qabdi”.

 

Biyyattii keessatti namoonni 125,000 dhibee Covid-19 lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u, lakkoofsi kun ammoo kan biyya addunyaa kamiiyyu ni caala.

Maddi: BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.