Fana: At a Speed of Life!

Amma waancaan harka keenya keessa jira – Peep Gaardiyoolaa

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Leenjisaan Maanchiisteer Siitii Peep Gaardiyoolaan erga Arsenaal haala amansiisaan injifatanii booda waancaan Piriimaayeer Liigii harka keenya keessa jira jedhan.

Eda halkan Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Maanchister Siitiin goolii 4 -1n ijifatamuun kan yaadatamuudha.

Maanchister Siitiin taphni lama osoo isa hafuu qabxii 73 sadarkaa lamaffaarra jira.

Arsenaal ammoo qabxii 75 sadarkaa 1ffaa qabatee jira.

Qalbiifi xiyyeeffannoodhaan deemuu qabna, amma waancaan harka keenya keessa jira,” jedhe Gaardiyoolaan Arsenaal erga injifatanii booda yaada laataniin.

Taphoonni itti aanan sadii carraa Waancaa milkeessuudhaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo carraa waancaa harka keenya galchine kanatti itti fayyadamuuf cimnee hojjenna jedhaniiru.

Arsenaal Maanchester Siitiin mo’amuun isaa ammoo carraa waancaa Piriimer Liigii bara kanaa mo’achuudhaaf qabu baayyee xiqqaateera.

Maanchester Siitiin Dilbata gara Fuulham deemee kan taphatu yoo ta’u, isaan booda ammoo dirree ofiirratti Weest Haam fi Liidsi Yuunaayitid waliin taphata.

Arsaneel Kibxata dhufu Istaadiyeemii Emireetiitti Cheelsii keessummeessa.

Maddi:- BBC

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.