Fana: At a Speed of Life!

Asiidummaa biyyoo Nooraa fi wantoota biroon hir’isuun oomishaa oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira – Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Asiidummaa biyyoo Nooraa fi wantoota biroon yaaluun oomishaa oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.

Mariin Asiidummaa biyyoo Nooraan hir’isuun oomishtummaa dabaluu gaggeeffamaa jira.

Bara oomishaa kana lafa Hektaara kuma 100 ol Nooraan yaaluuf kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Hojii kana raawwachiisuuf Birrii biiliyoonni 1.5 ramadamuu dubbataniiru.

‘Biyyoo Fayyaa birmadummaa biyyaaf’ mata duree jedhuun waltajjiin eegalchiisa sagantichaa bakka Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunahi, Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Haabtaamuu Taganyii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroo argamanitti gaggeeffamaa jira.

Leeyikuun Alemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.