Fana: At a Speed of Life!

Asoosaatti namoonni rakkoo nageenyaa uumuuf socho’aa turan 85 to’ataman

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuz magaalaa Asoosaatti shakkamtoonni rakkoo nageenyaa uumuuf socho’aa turan 85 to’atamuu Poolisiin beeksiise.
 
Shakkamtoonni kunneen dhorkama soschii yeroo daangeffame darbuun wayita socho’an to’atamuu Itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Asoosaa Komaandar Bushiraa Alqariib ibsaniiru.
 
Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa, Humni addaa naannichaa fi qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin qindaa’uun shakkamtoota kanneen to’annoo jala oolchuu ibsaniiru.
 
Shakkamtoota kanneen keessatti harcaatoonni garee shororkeessaa ABU kan argaman ta’uu eeraniiru.
 
Lakkoofsi herreega Baankii, konkolaattoonnii fi qabeenyi biroo shakkamtoota 53 mana murtiin akka hin sochoone dhorkamuu dubbataniiru.
 
Qaamolee kanneen seeratti dhiyeessuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
 
Maddi:-TOI
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.