Fana: At a Speed of Life!

Atileet Zawudiituu Adaraawu fiigicha maraatoonii walakkaan Meedaaliyaa Meetii argamsiiste

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)-Atileet Zawudiituu Adaraawu fiigicha Maraatoonii Walakkaa dubartootaan Meedaliyaa Meetii argamsiistetti.

Atileet Zawudiituun fiigichaa Maaraatoonii Walakkaa dubartootaa Tapha Guutuu Afrikaa 13ffaa Gaanaatti gaggeeffamerratti sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Dorgommii Gaanaa Akiraatti gagggeeffamaa jiruun Ijipti Meedaaliyaawwan 167 walitti qabachuun dursaa kan jirtu yoo ta’u, Itiyoophiyaan damee Atileetiksiin sadarkaa 3ffaa, waliigalaan ammoo 10ffarratti argamti.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.