Fana: At a Speed of Life!

Atleet Lattasanbat Maaraatoonii Niwuu Yoorki Baatii Sadaasaa keessa gaggeeffamurratti ni hirmaatti jedhame

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC) – Atleet Lattasanbat Giday Maaraatoonii Niwuu Yoorki bara Faranjootaa Sadaasaa 5, 2023 gaggeeffamurratti kan hirmaattu ta’uu ibsameera.

Atleet Lattasanbat Giday fiigicha maaraatoonii Vaaleensiiyaatti gaggeeffameerratti hirmaachuun sa’aatiin fooyya’aa galmeessuun xumuruun kan yaadatamuudha.

Maaraatoonii Niwuu Yoorki yeroo lama kan injifate Atleet Shuraa Qixxaatanis fiigicha maaraatoonii Niwuu Yoorki kanarratti kan hirmaatu ta’uu eerameera.

Atleet Yaalemzarfi Yewuhaalaw Maaraatoonii Niwuu Yoorki kanarratti ni hirmaatti jedhame.

Atleet Yaalemzarfi Yewuhaalaw fiigicha Maaraatoonii Landan bara 2022 injifachuun kan yaadatamuudha.

Alteet Mussinnat Garramoonis morkii Sadaasa 5, 2023 gaggeeffamu kanarratti ni hirmaata jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.