Fana: At a Speed of Life!

Atleetoota seera Dooppingii darban irratti murtoon adabbii darbe

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Atleetoota seera farra si’eessituu Ispoortii darban irratti murtoon adabbii darbuu ibsame.
Atleetoota seera Dooppingii darban irratti murtoon adabbii darbuu Waajjirri Farra Si’eessituu Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksise.
Atleet Wandawasan Katamaa Maammoo fi Atleet Iyyoob Habtasillaasee Gosaan seera farra si’eessituu Ispoortii darbuun shakkamuun dhimmi isaanii qoratamaa turuu waajjirichi ibseera.
Qorannoo dabalataa gaggeeffameen Atleet Iyyoob Habtasilaasee dorgommii Bara Farnjootaa Gurraandhala 2, 2020 Taayilaanditti gaggeeffamerratti qoricha farra Ispoortii ‘Cathinone’ jedhamu fayyadamuu mirkanee’era.
Sababa kanaan Bara Faranjootaa Eebila 3, 2020 irraa eegalaa waggoota walitti aanaan afuriif dorgommii Ispoortii kamiiyyuurrattu akka hin hirmaanne dhorkameera.
Dorgomichaan bu’aa fi badhaasni argates haqameera.
Atleet Wandawasan Katamaa Maammoo qorichuma kana fayyadamuu isaan hanga bara Faranjootaa Gurraandhala 1, 2024tti dorgommii kamiiyyuurratti akka hin hirmaanne adabamuun isaan kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii Atleet Wandawasan Katamaa Maammoo sanadoota sobaa dhiyeessuun adeemsa qulqulleessuu taasiifamaa ture gufachiisuu fi waliin dhahuuf yaaluu isaan dhimmichi qoratamaa tureera.
Haaluma kanaan Atleetichi seera Farra Si’eessituu keewwata 2.5 jalatti tumame darbuu isaa mirkanaa’eera jedhame.
Yaalii adeemsa qorannoo taasifamaa ture gufachiisuu fi dogongorsiisuuf taasiiseen dabalataan waggoota 8f adabameera.
Haaluma kanaan guyyaa adabbiin dura itti xumuramu bara Faranjootaa Gurraandhala 1, 2024 irra kaasee hanga Gurraandhala 1, 2032tti dorgommii Ispoortii kamiiyyuurrattuu akka hin hirmaanne dhorkameera.
Waajjirichi yeroo itti aanus qorannoo fi too’annoo farra si’eessituu cimsee kan itti fufu ta’uu ragaan Waajjira Farra si’eessituu Biyyaalessa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.