Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Cuuphaa walqabatee sochiin doqdoqqee dhorkame

Finfinnee, Amajjii 8, 2015 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Cuuphaa Roobii fi Kamisaa dhufu kabajamu sababeeffachuun sochiin doqdoqqee dhorkaa ta’uu Eejensiin Bulchiinsa Tiraafikaa magaalattii beeksise.

Sochiin doqdoqqee kunis har’a sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga Kamisa sa’aatii 12:00’tti doqdoqqee konkolaachisuun dhorkaa ta’uu beeksiseera.

Dhorkiin kunis sochii doqdoqqee qaamolee nageenyaa fi poolisoota tiraafikaa irraan kan hafe Magaalaa Finfinnee naannawaa hundatti sochiin doqdoqqee dhorkaamuun ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa doqodoqqees, dhorkaa kaa’ame hubachuun hanga guyyaan dhorkii ka’amee xumuramutti obsan akka eegan ibsuun, qaamolee dhorkicha darbanii argamanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.