Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana hiikaaf dhiyeessii zayitaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Ayyaana hiikaa/ Faasikaaf dhiyeessii zayitaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi  ayyaana hiikaa sababeeffachuun zayitaa haala ga’aa ta’een dhiyeessuu fi waliinga’uuf dhaabbilee zayita dhiyeessan waliin mari’ateera.

Haala walitti hidhamiinsa bittaa eegee fi hawaasa fayyadamaa taasisuun kan raabsamu ta’uus eerameera.

Dhaabbileen zayita dhiyeessan yeroo kamiyyuu caalaa qophii ga’aa taasisuu akka qabanii fi zayitaa gama waldaalee hojii gamtaan dhiyeessuu akka qaban hogganaan biirichaa obbo Adam Nuurii himaniiru.

Rakkoon dhiyeessii fi raabsaa akka hin uumamneef ammumarraa qophii akka taasisan yaadachiisaniiru.

Dhaabbileen zayita dhiyeessan gamasaaniin kallattii biirichaan kaa’ameen hojjechuu fi ayyaanicha dura gama waldaalee hojii gamtaan raabsuuf waliigalteerra ga’uu ibsaniiru.

Biirichi ayyaana hiikaaf raabsa shaqaxaalee bu’uuraa kanneen akka sukkaaraa fi daakuu haala gahaa ta’een hawaasa bira akka gahaniif hojjechaa jiraachuu ibseera.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.