Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid Alfaxiir sodaa nageenyaa malee akka kabajamuuf qophiin barbaachisu xumurame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Ayyaanni Iid Alfaxiir sodaa nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisu xumuruu Humni Waloo Nageenyaa Federaalaa beeksiseera.

Humnichi ergama isaa murannoon ba’uuf qophii barbaachisu xumuruu eereera.

Humni Waloo Nageenyaa Federaalaa kun ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Alfaxiiris dabarseera.

Hawaasni farreen nageenyaa amantaa daheeffachuun sochii barsiifanni amantaa kamiiyyuu hin eeyyamne taasisu saaxiluu akka qabu gaafateera.

Garee fi qaamolee dhuunfaa nageenya hawaasaa booreessuuf socho’an qaamolee nageenyaan dabarsanii laachuun dirqama biyyummaa isaanii ba’uu akka qaban Humni Waloo Nageenyaa kun waamicha dhiyeesseera.

Qaamolee nageenyaa fi tasgabbii ummataa booreessuuf socho’an gochaa isaanirraa yoo of hin qusanne hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.