Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iidaa vaayrasicharraa of eeguun kabajama

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) – Ayyaanni Iid Alfaxir 1441ffaan booru, Dilbata kabajamee oola.
 
Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa akka beeksisetti ayyaanichi booru kabajama.
 
Addeessi eda galgala muul’achuu dhabuu isheetini ayyaanichi booru kan kabajamee oolu.
 
Preezdaantiin mana marichaa Muuftii Hajii Umar Idiriis hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ittiin isin ga’e jedhanii, ayyaanichi tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisaa akka kabajamu dhaamaniiru.
 
Salaata Iidaas hunduu mana manasaatti akka sagadu dhaamaniiru.
 
Namoota harka qalleeyyii yaadachuu fi deeggaruunis akka barbaachisu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.