Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Mawuliidaa Masjiida Guddicha Anniwaaritti kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) – Ayyaanni Mawuliidaa waggaa 1498ffaan Masjiida Guddicha Anniwaaritti sirna hoo’aa ta’een kabajamaa jira.

Abbootiin amantaa, hordoftoonni amantichaa, Ambaasaaddaroonni, hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef sirna kabajichaarratti argamaniiru.

Nabiyyuu Mahaammada bira jireenya isaanii amanticha jecha wareegama kaffalan, barsiifata hojii gaarii, nageenya, haqaa fi walqixummaarratti hojjetan yaadachuun kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Itti Aanaan Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa FinfinneeSheehi Fattudiin Hajii Zayinuun ayyaanicha sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.