Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanonni Daamaraafi Masqalaa karaa nagaan akka kabajamaniif qophiin xumuramuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti Ayyaanonni Daamaraafi Masqalaa karaa nagaan akka kabajamaniif qophiin xumuramuu poolisiin magaalichaa beeksise.

Wiixata dhufu ayyaana Masqalaa sababeeffachuun bakka hordoftoonni amantichaa, hoggantoonni olaanoon mootummaafi keessummoonni kabajaa argamanitti  sirni Daamaraa bobeessuu Adabaabaayii Masqalaatti kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Daandiiwwan magaalichaa sababa kabaja ayyaanota kanneenii cufaman poolisiin ifoomseera.

Haaluma kanaan:-

Daandiin Maganaanyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa akkasumas Eednaamoolii Atilaasirraan gara Kaazaanchiis geessu Addabaabaayii Uraa’eel irratti

Gootaraarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Sinimaa Agoonaarratti

Goofaarraa daandii haaraan gara Addabaabaayii Masqalaa kan geesu naannoo Bataskaana Qiirqoositti

Buulgaaruiyaarraa gama Meeksiikoon Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannoo “Xamaamaa Fooqi”tti

Saarbeetii gara Meeksiikoo akkasumas Xoorhaayilooch gama Lidataan Lagahaar kan geessu Addabaabaayii Meeksiikoorratti

Teklaayimaanotirraa gama Goommaa Quxxabaan Lagahaar kan geessu naannoo koondiminiyeemii 40/60 Sangaataraatti

Geejjaa Safar irraa gama buufata poolisii Ammistanyaa kan geessu naannoo Gommaa Quxxabaatti

Markaatoo Taklaayimaanotirraan gara hospitaala Xuqur Anbassaa kan geessu naannoo Inistiitiyuutii Raaga Qilleensaatti

Raas Tiyaatir irraa gara Goollaa Mikaa’el Masqalanyaa Goollaa Mikaa’el irratti

Taklaayimaanotrraa gara Immigireeshinii kan geessu naannoo Xuqur Anbassaa Sheelitti

Piyaasaarraa gara Lagahaar kan geessu Addabaabaayii Teediroos irratti

Aroogee Qeeraarraa gama Filoohaa naannoo Mana Maxxansaa Nigdirratti

Kaazaanchiis irraa gara Hiiltan Kaazaanchiis Tootaal irratti

Awwaareerraa gama Kaazaanchiisiin gara Filoohaa kan geessu marfata Poolisii 6ffaa irratti kan cufamu ta’uu eerameera.

Daandiiwwan kunneen guyyaa keessaa sa’aatii 5:00 irraa eegalee cufaa ta’uu poolisiin yaadachiiseera.

Hawaasni tajaajila poolisii argachuufis ta’ee wantoota shakkisiisoo ta’an wayita argu eeruu kennuuf gama toorawwan bilbilaa bilisaa 991 yookaan ammoo 816 akkasumas toorawwan bilbilaa 01- 11 -11- 01 -11,  01- 11- 26- 43- 59fi 01- 11- 01- 02- 97 fayyadamuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.