Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanonni nagaan xumuramuun ummanni wardiyyaa nageenyaa cimaa ta’uu argisiisa-TKM

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Ayyaanonni ummataa fi amantaa nageenyi isaanii eegamee xumuramuun nageenyaaf waardiyyummaan ummataa cimaa ta’uu argisiisa jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beekise.

Tajaajilichi ayyaanonni nagaan geggeffamanii xumuramuu ilaalchisee ibsa baaseera.

Ibsichaan, baatii Fulbaanaa ayyanonni ummataa fi amantaa kan gaggeeffaman yoo ta’u, jala bultii jijjiirraa bara haaraa, Ayyaana Masqalaa, Irreechaa fi kanneen biroon rakkoo nageenyaa tokkoo malee ummanni miliyoonaatti lakkaa’amaniifi turistoonni hirmaachuun duudhaaleen isaanii eegamanii nagaan kabajamuu yaadachiiseera.

Ayyaanichi hawwattummaan akka kabajamuuf ummanni gumaacha taasiseef galateeffateera.

Ayyaanicha kabajuuf lammiilee naannawaa garaagaraarraa dhufanis jaalaala Ityoophyummaan simachuun keessummeeffamuu eeruun, qaamooleen nageenyaa naannoo fi sadarkaa federaalaa
ummtaa waliin qindoomuun hojiilee nageenyaa hojjetaniin karoorri garee shororkeessitootaa akka fashalaa’u taasisaniiru jedheera.

Dhaabbileen miidiyaas hawwattummaa Ayyaanotaa tamsaasuun, tokkummaan biyyaalessaa akka cimu, tuuriizimii fi carraan hojii akka babal’atu hojii kaka’umsa hojjechuu ibseera.

Ayyaanonni baatii Fulbaanaa hawwattummaa fi nagaan kabajamanii xumuramuun biyyattiin qormaata keessatti hojiilee bu’aa qabeessa ta’an raawwachuu akka dandeessuu fi duudhaa waliin jireenyaa Ityoophiyaanotaa irra deebiin kan raga baheedha jedheera.

Ayyaanonni nagaafi hawwattummaan akka kabajamaniif qaamolee gumaachaa taasisan hundaa ummata, qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran, abbootii amantaalee, jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi dhaabbilee miidiyaa galateeffateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.