Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota dhufaniif zayinni nyaataa liitirri miiliyoonni 13.6 ol gabaaf ni dhiyaata jedhame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015(FBC)- Ayyaanota Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoosiifi Iid Alfaxiriif zayita nyaataa liitira miiliyoona 13.6 ol gabaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ayyaanota kanneenitti hanqinni shaqaxaalee bu’uuraa akka hin mudanneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ministeerichatti Hojii Raawwachiistuun Daldala Biyya Keessaafi Eegumsa Shammattootaa Maskaram Baahiruun ibsaniiru.

Naannolee, bulchiinsota magaalaafi dhaabbilee federaalaa waliin karoora waloo qopheessuun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhiyeessii zayita nyaataan walqabatee mootummaan alaa kan galuufi zayita biyya keessatti oomishamu dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Warshaalee oomisha zayitaa biyya keessaa Fiibeelaarraa zayita liitira miiliyoona 2.6fi warshaa Zayitaa Shamuurraa ammoo zayinni liitirri miiliyoonni 5 naannoleef qoqqoodamuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Zayita warshaalee kanneenii raabsitoonni ayyaanonni kunneen osoo hin dhufiin saffisaan naannolee biraan gahuu akka qaban kallattiin kaa’amuu dubbataniiru.

Zayitni kanaan dura gama Hojiilee Korporeeshinii Daldalaan gara biyyaa seenee osoo hin raabsamiin hafe liitirri miiliyoonni 1 jiraachuu eeruun, yeroo ammaas zayitni liitirri miiliyoonni 5 geejjibsiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Walumaagalatti zayitni nyaataa liitirri miiliyoonni 13.6 ol ayyaanota kanneenitti gabaaf dhiyeessuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.