Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash bu’aa guddaa galmeesisuu ibse

Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Baankiin Awaash bara baajataa 2020/21tti bu’aa guddaa galmeesisuu ibse.

Baankichi bara baajataa 2020/21tti dameewwan hojii hundaan bu’aa quubsaa galmeessisuu fi baankiiwwan dhunfaa biroo walitti fufiinsaan  dursaa jiraachuu walitti qabaan Boordii Daayreektoreetii Dooktar Dibaabaa Abdataa ibsaniiru.

Baankichi bu’aa kana  galmeessuu kan danda’e qormaatilee idil addunyaa fi biyya keessaa dandamachuun ta’uu ibsaniiru.

Qaamolee milkaa’ina baankichaaf qooda olaanaa taphatan galateeffachuu ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergameen ibsameera.

Bara baajataa 2020/21tti  baankichi bu’aa waliigalaa taaksii duraa Birrii biiliyoona fi miiliyoona 58 argachuu ibsameera.

Bu’aan baankichi kan bara darbeen walbira qabamee wayita madaalamu guddina %34 yookan biiliyoona 1.2 ta’uu ibsameera.

Liqii baankichi dame diinagdee garaagaraaf laate Birrii biiliyoona 87.5(% 52.8) galmeessisuu eerameera.

Hangi qabeenya waliigalaa baankichaa wagga waggaan guddina argisiisaa jiraachuu fi bara baajataa 2020/21tti %44 guddachuu ibsameera.

Haaluma kanaan qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona 128.7 gahu baankichi ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.