Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash lammiilee godina Booranaatti hongeen miidhamaniif yeroo 2ffaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 1 ol taasise

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Baankiin Awaash horsiisee bultoota godina Booranaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata yeroo 2ffaaf  taasiseera.

Deeggarsi kun yeroo lammaffaaf kan taasifame yoo tahu, marsaa kanaan midhaan nyaataa kuntaala kuma 1 fi 300 Birrii miiliyoona 3 kuma dhibba 4 oliin bitanii akka gumaachan hojii gaggeessaan Baankii Awaash Damee Yaaballoo Obbo Daawit Saafayii himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Godina Booranaa, Obbo Guyyoo Carfii, deeggarsa kana simachuun, deeggarsichi yeroon hawaasa bira akka gahus ni taasifna jedhan.

Jiraattoonni deeggarsi taasifameef galateeffachuun, rakkoo jirtu ammas jabduu waan taateef, deeggarsi akka cimu gaafachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.