Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa damee tajaajila baankii dhalarraa bilisaa bane.

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa damee tajaajila baankii dhalarraa bilisaa bane.

Dameelee isaa kanneenis magaalaa Finfinnee Ansaar fi Harameeyin ebbisiisee baneera.

Dameewwan kanneen tajaajila faayinaansii sirna shari’aa irratti hundaa’un tajaajila kan laatu ta’u jedhameera.

Hoggansi baankichaa, preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiriisii fi keessummoonni biroon bakka argamanitti ebbifamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.