Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee tajaajila dhalarraa bilisaa ‘Siinqee Ihsaan’ jedhamu ifatti eegalchiise

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) – Baankiin Siinqee tajaajila dhalarraa bilisaa ‘Siinqee Ihsaan’ jedhamu ifatti eegalchiisuu beeksisie.

Baankichi har’a miidiyaaleef ibsa laateera.

Baankiin Siinqee fedhii maamiltootaa guutuuf filannoowwan garaagaraa dhiyeessaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii baankichaa Yohaannis Mangistuun ibsaniiru.

Kanneen keessaa tajaajilli dhalarraa bilisaa isa tokko ta’uu kaasaniiru.

Fedhii hawaasa Musiliimaa guutuuf akkaataa seera shariyaa eegeen Boordii Shariyaa hundeessuun dameewwan baankichaa 470 irratti tajaajila dhalarraa bilisaa laachuun eegalamuu Obbo Yohaannis eeraniiru.

Moggaafni tajaajilichaa Afaan Arabaarraa kan fudhatame jecha ‘Ihsaan’ jedhamu yoo ta’u,hiikaan isaa ga’umsaa fi mudaa kan hin qabne jechuu ta’uu eeraniiru.

Ergamaa baankiin Siinqee qabatee jiruunis kan wal simu ta’uu eeraniiru.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.