Fana: At a Speed of Life!

Baatii Eebila gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa haaluma duraatin itti fufa

Finfinnee, Bitootessa 27, 2013 (FBC) –Baatii Eebila boba’aa xiyaaraan alatti gatiin gurgrutaa qinxaaboo boba’aa  haaluma duraatin akka itti fufuu Ministeerri Daldala fi Idaastirii beeksiseera.

Ministeerichi baatii Bitootessa 26 hanga Eebila 30, 2013tti gatii qinxaaboo gurgurtaa boba’aa hojiirra ooluu ilaalchisee ibsa baaseen, boba’aa xiyyaaraan alaatti gatiin oomishaaleen boba’aa biroon haaluma duraan tureetti akka itti fufuu ibseera.

Ministeerichi baatii Eebila gatiin boba’aa xiyyaaraa Leetiraan Birrii 43 fi saanximaa 70n akka gurguramuu kan murteessee yoo ta’u, gatii baatii Bitootessatti ittin gurgurumaa tureerra Birrii 5 fi saantimaa 5 dabalataa akka qabu  beeksiseera.

Gabaa idil addunyaarratti gatii boba’aa jiru ka’umsa taasifachuun akka barbaachisummaa isaatti sirreeffamni akka taasifamuu ibseera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.