Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan darban gabaa warqeerratti %20 hanga 29n daballii gatii taasifamuun galii fooyya’aan argameera

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC)- Baatiiwwan darban gabaan warqeerratti %20 hanga 29n daballii gatii taasifamuun galii fooyya’aan argamuu Ministeera Albuudaa fi Boba’aa ibseera.

Daldalaa seeraan alaatiin (Black Market) bittaa warqee hambisuuf baatiwwan darbaan %20 hanga 29n gatii dabaluun galii fooyya’aan argamuu beeksiseera.

Ministeerichatti eeggataan daayreektara dandeettii hojiiwwan bittaa albuudaa mirkanneessu obbo Caalaa Didaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeettitti akka himanitti, mootumman fooyya’insa hojii taasiseen bunatti aanee warqeen galii olaanaa argamsiisuu ibsaniiru.

Baankiin Biyyoolessaa fi Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa haala fooyya’aa ta’een waloon hojjechuun bara kana galii fooyya’aan argamuu himaniiru.

Kanaafis Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 404.5  argamuu danda’eera jedhan.

Sisaay Geetinnatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.