Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 6’n dabran oomishaaleen nyaataa qulqullina isaanii hin eegne tooniin 381 faayidaarra akka hin oolle dhorkaman

Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Baatiwwan 6’n dabran oomishaaleen nyaataa qulqullina isaanii hin eegne tooniin 381 faayidaarra akka hin oolle dhorkamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Ityoophiyaa beeksiise.

Abbaan taayitichaa raawwii hojii baatiwwan 6’n darbaniirratti miidiyaaleef ibsa kenneera.

Abbaan taayitichaa aangoo fi gahee hojii itti kennameen nageenyummaa, qulqullina, fayyummaa fi itti fayyadama qorichaalee mirkaneessuun fayyaa hawaasaa eeguurratti hojjachaa jiraachuu hogganaan kominikeeshinii Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa obbo Abarraa Dannaqaan ibsaniiru.

Baatiwwan 6’n dabranitti waarshaalee oomisha nyaataa biyya keessaa 53 fi dhaabbilee raabistoota, ergitootaa fi fichisiistoota oomishaalee nyaataa 439 ulaagaa barbaachisu guutuun hojii keessa galuu himaniiru.

Oomishni nyaataa qulqullina isaa eeggate tooniin miliyoona 1.8 gara biyya keessaa galuus eeraniiru.

Gosoonni qorichaalee 449 fi meeshaalee yaalaa 518 galmeessuun eeyyama argachuu dubbataniiru.

Oomishaaleen nyaataa toonii 381.99 ta’u qulqullina barbaadamuu fi sababoota gara garaatiin faayidaarra akka hin oolle dhorkamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.