Fana: At a Speed of Life!

Facaatiifi tatamsa’inni vaayirasii HIV/AIDS hir’achaa jiraatus ammas xiyyeeffannaa barbaada – BFO

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa karoora raawwii qorannoo HIV/AIDS godinaalee fi magaalota Oromiyaa baatiwwan saglan darbanii qorachaa ture xumureera.
Facaatiifi tatamsa’inni vaayirasii HIV/AIDS hir’achaa jiraatus ammas xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’uu ibseera.
Gamaaggama karoora raawwii qorannoo dhibee HIV/ AIDS irratti gaggeessaa ture kallattii gara fuulduraa kaa’uun xumureera.
Hanqinoota mul’atan yeroo hafe keessatti xumuruu, Inisheetivoota karoora raawwii dabaluuf kaa’aman qixa barbaadamuun raawwachuu fi hoggantoonni dhimma ijoo ta’uu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrektarri Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS Dooktar Tasfaayee Zarfuun ibsaniiru.
Tajaajila qulqullina qabu kennuun du’aatii hawaasa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus kaasaniiru.
Toleeraa Bojaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.