Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 6’n darban oomishaaleen alaa galan Birrii biiliyoona 1.1 ol baasan kan biyya keessan bakka buufamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Baatiwwan 6’n darban oomishaaleen alaa galan Birrii biiliyoona 1.1 ol baasan kan biyya keessan bakka buufamuu Inistiityuutiin Misooma Oomishtoota Indaastirii beeksise.

Indaastiriiwwan Oomishtootaa oomishaalee alaa galan kan bakka bu’an qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishaan qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Inistiityuutichatti Itti aanaan Daayrektara Olaanaa Obbo Silashii Lammaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Haaluma kanaan Indaastiriiwwan oomishaalee sharafaan alaa galan irratti xiyyeeffachuun biyya keessatti akka oomishan dandeessisu qorannoo fi qo’annoon 28 gaggeeffamuu kaasaniiru.

Baatiwwan 6’n darban oomishaaleen alaa galan Birrii biiliyoona 1.1 ol baasan kan biyya keessan bakka buufamuu himaniiru.

Akkasumas baatiwwan 6’n darban Oomishaalee Indaastirii alatti argamamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 194 argamuu Obbo Silashiin dubbataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.