Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan jahaan darbanitti magaaloonnii fi gandoonni baadiyyaa haaraan 135 fayyadamoo tajaajila elektirikii ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Baatiwwan jahaan darbanitti magaaloonnii fi gandoonni baadiyyaa haaraan 135 fayyadamtoota tajaajila elektirikii ta’uu Tajaajilli Humna Elektirikii Ityoophiyaa beeksise.
Baatiwwan jahaan darbanitti maamiltoonni haaraan kumni dhibbi 1 fi kumni 42 fi 11 Tajaajila Humna Elektirikaa akka argatan taasiifamuu himameera.
Uwwisa tajaajila humna elektirikaa biyyattiiti waliin ga’uuf tattaaffii taasiifameen baatiwwan jahaan darbanitti magaalonnii fi gandoonni baadiyaa haaraan 135 fayyadamoo ta’aniiru jedhame.
Tajaajila Humna Elektirikaarraa walakkaa waggaatti galiin birrii biiliyoonni 9.21 argamuus ibsameera.
Hanga kurmaana 2ffaatti galii tajaajilichaarraa galchuuf karoorfame keessa % 82 milkaa’uu dhaabbatichi beeksiseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.