Fana: At a Speed of Life!

Duulli Aramaa Bocee hara Dambal irraa qulqulleessuu itti fufee jira

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti qaamolee garagaraatin Aramaa Bocee hara Dambal weerare ittisuun gaggeeffameera.

Bulchiinsi Magaalaa Baatuu Hara Dambal Aramaa boceetiin weerarame baraaruuf kutaalee garaagaraa hirmaachisaa jira.

Hanga ammaattis qaamolee mootummaa, miti mootummaa fi jiraattota Magaalaa hirmaachisuun qaama harichaa hektaara 58 ol Aramichaan weerarame keessaa hektaara 45 ol irraa qulqulleessuun danda’ameera.

Haaluma kanaan guyyaa har’aas dargaggoonni gandoota Magaalaa Shanan irraa walitti qabamanii fi barattoonni Mana barumsaa Baatuu lakkoofsii 2 duulicharratti hirmaachuun ga’ee isaanii bahachuu ragaan kominikeeshinii bulchiinsa magaalaa Baatuurraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.