Fana: At a Speed of Life!

“Baazaariin Nyaataa fi tuuriizimii Halaal” Wiixata dhufu akka eegaluu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) –Baazaariin Nyaataa fi tuuriizimii “Halaal” Wiixata dhufurraa eegalee akka gaggeeffamu ibsame.

Baazaarichi qaama sagantaa imala gara biyyaa “Iidii Hanga Iidii” ta’uun eerameera.

Baazaaricharratti lammileen biyya keessaa fi alaa hedduun akka daawwatan eegama.

Dhaabbileen oomishtoota nyaata fi dhugaatii, dhiyeessitoota oomisha qonnaa, hoteelaa fi keessumsiissuu akkasumas dhaabbanni daawwachiisaa “Halaal” bal’inaan tajaajilaa fi oomishaa isaanii baazaaricharratti akka dhiyeessan ibsameera.

“Halaal” dhaabbataa daldaa addunyaarratti guddina olaanaa argisiisaa jiru yoo ta’u keessumaa weerara vaayirasii koroonaa booda barbaadamummaan oomishaa fi tajaajila dhaabbatichaa dabaleera jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.