Fana: At a Speed of Life!

Badhaasichi bu’aa waloo keenyati – Kantiibaa Adaanech Abeebeen

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Badhaasa Hoggantoota Cimoo Afriikaa kan 2024 Barruu Hoggansa Afriikaan badhaafamaniiru.

Barruun teessoo isaa Ingilaandi taasifatee “African Leadership” badhaasa Hoggantuu Cimaa Afriikaa Kantiibaa Adaanech Abeebee badhaaseera.

Barruun kun waggaa waggaan hoggantoota Afriikaa gahumsa hoggansaa cimaa agarsiisan kan badhaasu dha.

Dhaabbatichi waggaa waggaan Hoggantoota biyyoottan Afriikaa ciccimoo hoggansa cimaa kennuun dameewwaan garaa garaan hojii fakkeenyummaa gaarii ta’e hojjetan badhaasaa jira.

Bara 2024 kana keessas Hoggaantoota ardiichaa raawwii olaanaa galmeessisan biyyoottan 25 irraa filaachuun badhaaseera.

Badhaasichi Hoggantoonni ardichaa tokkummaa biyyoottan ardiicha gidduu jiru, walitti dhufeenya gama dinagdee fi hawaasummaan jiru cimsuu akkasumas Nageenyaa fi tasgabbii ardiichaaf hojiilee gaarii hojjetaniif kennameera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebees dubartii Cimtuu ardiichaa hoggansa cimaa kennuun dameewwaan garaa garaan raawwii olaanaa galmeessisan ta’uun badhaasa “Hoggantoota Ciccimoo Afrikaa kan 2024 kana injifataniiru .

Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin “Badhaasicha injifachuu kootiin gammachuufi kabajatu natti dhagahame, milkii kanaaf warreen na waliin hojjettaniifi na deeggartan hunda onnee koorraan galateeffadha” jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.