Fana: At a Speed of Life!

Bakkii kabajaa ayyaana irreechaa Doloolloo Buddeena qulqulleeffame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) –Dullii qulqulliina bakka kabajaa ayyaana irreechaa Doloolloo Buddeenaa har’a gaggeeffameera.

Dula qulqulliinicharrattii kan argaman hoji gaggeessan bulchiinsa Eejansii Balfaa Gogaa Dooktar Isheetuu Lammaa, hirmaattonni ayyaanicha bakka qulqulluu ta’eetti ayyaanicha akka kabajaniifi jedhaniru.

Dabalatanis hawaasni kutaa magaalichaa garaagaraa fi dhaabbilee amantaa dabalatee dargaggoonni hirmaataniiru.

Bakkichatti keemikaallii farraa ilbiisotaa biifameera.

Dooktar Isheetuun, ayyaanichi kan hawaasaa maraati jedhaniiru.

Itti gaafatamtuun Preesii Seekreetariyaat waajjira bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Alfiyaa Yeesuuf, ayyaanichi wayitaa kabajamuu vaayrasii koroonaarra of eeguun, kallattiin abbootiin gadaa ka’aniin akka kabajamuu yaadachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kabajaa ayyaana irreechaaf qophii duraa xumuraa jiraachuu ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.