Fana: At a Speed of Life!

Bala lolaa ittisuun naannawaa hanqinni roobaa jirutti faayidaarra oolchuuf hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Balaa lolaa ittisuun keessumaa naannawaa hanqinni roobaa jirutti faayidaarra oolchuuf hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan.

Ministeerichi raawwii hojiilee ittisaa fi qophii duraa balaa lolaa ilaalchisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Bishooftuutti mari’achaa jira.

Waltajjicharratti Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan akka jedhanitti, balaawwan namtolchee fi uumamaa Ityoophiyaa naannawaa garaagaraatti qormaata ta’aa jiru.

Baranas naannoolee Oromiyaa fi Somaaleetti hongeen mudate lubbuu namaa fi qabeenyaarraan miidhaa geessisuu eeran.

Akksumaas Naannoo Amaaraa fi Finfinneetti balaa qaqqabeen lubbuun namootaa darbuu fi qabeenyi manca’uu yaadachiisaniiru.

Fuulduratti naannolee balaa lolaaf saaxilamoo ta’an, Oromiyaa, Amaaraa, Gaambeellaa fi Afaaritti akkasumas, Magaalaa Finfinnee fi bakkoota birootti roobni cimaan waan eegamuuf, balaa lolaa ittisuun murteessa ta’uu hubachiisaniiru.

Waan ta’eef, balaa lolaa ittisuun naannawaa hanqinni roobaa jirutti rooba jiru faayidaarraa oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, hawaasnis sadarkaa hundatti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun faayidaarra oolchuuf hojjechuu akka qabu eeraniiru.

Waltajjii marichaarratti karoorri waloo ittisa balaa lolaa akka baafamu eegama jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.