Fana: At a Speed of Life!

Balaa Dhoo’insaa Ikkuwaatooriyaal Giiniitti qaqqabeen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 98 ga’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) –Balaa dhohiinsa guddaa Ikkuwaatooriyaal Giinii magaalaa Baataatti qaqqabeen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 98 qaqqabuu ibsameera.
Namoota 615 irra ammo miidhaan qaamaa qaqqabuu himameera.
Dhohiinsa naannawa iddoo jireenyaa humna waraanaa biyyattiitti dheeggadda muudachuun isaa kan yaadatamuudha.
Magaalichatti gamoowwanii fi manneen jireenyaa hedduun barbadaa’uu Preezdaantiin biyyattii ‘Teodoro Obiang Nguema’ himaniiru.
Balaa qaqqabeen miidhaan, qaamaa, xinsammuu fi Qabeenyaa hedduun ga’uu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.
Maddi:-Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.