Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa Godina Gaamoo Aanaa Abbayaatti qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Balaa tiraafikaa Godina Gaamoo Aanaa Abbayaatti guyyaa har’a qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbuu himame.

Konkolataan deeddebisaa uummataa minibaasii guyyaa har’a aanaa Abbayaa irraa gara magaalaa Aarbaa Mincittii imalaa osoo jiru galgaluun lubbuun namoota darbeera.

Bala tiraafikaa qaqqaabeen lubbuun namoota 4 yoo darbu, imaltoota 16 miidhaa cimaa akaasumas namoota sadirraa  ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu ajaajaan poolisi godina Gaamoo komaander Rattaa Takluu ibsaniiru.

Ka’umsii bala kanaas lakkoofsa teessoon eyyamameef ala fe’uu fi saaffisaan konkolaachisuu akka ta’e ragaan waajjiira dhimmoota kominikeeshini mootummaa godina Gaamoo irraa argamee ni muldhisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.