Fana: At a Speed of Life!

Balaan Ibiddaa Bosona Cilaaloo Gaalamaatti irra deebiin muudate

Finfinnee, Bitootessa 16, 2013 (FBC) – Balaan Ibiddaa Bosona Cilaaloo Gaalamaatti irra deebiin muudachuu ibsame.

Balaa Ibiddaa Bosona Cilaaloo Gaalamaatti irra deebiin muudate dhaamsuuf tattaaffiin taasiifamus humnaa ol ta’uu paarkiin Biyyaalessa Gaarreen Arsii beeksiiseera.

Hawaasni naannichaa har’a ganamaa eegalanii Ibiddicha dhaamsuuf tattaaffii taasiisanis humnaa ol ta’uu ibsameera

Aanaaleen Paarkichi uwwisu 9 yoo ta’u, hunda keessatti balaan Ibiddaa muudachuu itti gaafatamaan paarkii Biyyaalessa Gaarreen Arsii obbo Muhaammad Tiifoon dubbataniiru.

Ibiddichi saffisaan kutaalee gaarreen kanneenii waliin ga’aa jiraachuu obbo Muhaammad Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Bineensota bosonaa paarkicha keessa baroota dheeraaf jiraatan irra miidhaan ga’aa jiraachuu ibsaniiru.

Oduma walfakkaatiin balaan ibiddaa naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Holqa Wafatti muudate gandoota aanaa Ankoobar 3 waliin ga’uu himameera.

Bilichi lafa hektaara kuma 1 ol gubuu ibsameera.

Balaa Ibiddaa kanneen to’achuuf mootummaa Federaalaa waliin hojjetamaa jiraachuu himameera.

Olyaad Badhaanee fi Zalaalam Gabayyootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.