Fana: At a Speed of Life!

Balaliiftoonni Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC) – Balaliistoonni Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 3.2tti tilmamamu taasiisuu ibsameera.
Qaamoleen kunneen lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Dasee fi Kombolchaa qubatanii jiraniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa taasiisuu himameera.
Xaafii, Ruuzii fi midhaan nyaataa biroo lammiilee kanneeniif deeggarsa taasiisaniiru jedhame.
Itti aanaan Kaantibaa magaalaa Kombolchaa Injiinar Ahimad Yesuuf deeggarsa Balaliiftoonni kunneen taasiisan galateeffachuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Kombolchaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.