Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa 2014/15 lafa hektaara miiliyoona 2 fi kuma 600 ol Kilaasteraan midhaan gabaa giddu galeeffate oomishuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Bara oomishaa 2014/15 lafa hektaara miiliyoona 2 fi kuma dhibba 6 ol Kilaasteraan midhaan gabaa giddu galeeffate oomishuuf karoorfamuu Inistiityuutiin Tiraanisformeeshinii fi Qonnaa Ityoophiyaa beeksise.
Qonnaa kilaastaraa kanaan qonnaan bultoota miiliyoona 1fi kuma dhibba 9 fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuus Inistiityuutichi ibseera.
Inistiityuutii Tiraansformeeshinii fi Qonnaa Ityoophiyaatti, Daayrektarri “Koomeershalaayizeeshinii”kilaastaraa obbo Tacaanee Addunyaa, qonnaa kilaasteraa midhaan gabaa gidguugaleeffate oomishuun ce’umsaa qonnaaf taasifamu milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Qonni kilaasteraa oomisha qonnaan bultoota foyyeessuu dabalate walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Toofta kanaan sanyii filatamaa iddoowwaan bu’aa qabeessa ta’e irratti oomishuun oomishtummaa guddisuun ni danda’ama jedhan.
Kanaanis oomisha qamadii lafa hektara tokkorraa kuntaalaa 30 argamu ture gara kuntaalaa 45 guddisuun danada’amuu fi akkasumas boqqoolloo lafaa hektara tokkorraa kuntaalaa 40 argamu ture gara kuntaalaa 60tti guddisuun danada’amuu himaniiru.
Inistiityuutiichi waggoota 5nan dhufanitti qonnaan bultoota miiliyoona 4 qonnaa kilaastaraan fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.