Fana: At a Speed of Life!

Barakat Damooz dorgommiin Faanaa Laamroot boqonnaa 13ffaan injifate

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Dorgommii Faanaa Laamroot marsaa13ffaan boqonnaan xumuraa injifannoo Barakat Damooziin galobameera.

Dorgommii xumuraa kanaaf badhaasni Birrii miiliyoona 1 kan dhiyaate yoo ta’uu, Barakat Damooz Birrii kuma 400 badhaafameera.

Haabtaamuu Yiheenaw sadarkaa 2ffaa ba’uun badhaasa Birri kuma 300 yoo argatu, Girmaa Mogas sadarkaa 3ffaa ba’uu Birrii kuma 200 badhaafameera.

Zawduu Abbabaa Sadarkaa 4ffaan xumuruun Birrii kuma 100 badhaafameera.

Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet aartiif iddoo addaa laachuun hojiilee hojjetu cimsee kan itti fufu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Admaasuu Daamxoon ibsaniiru.

Dhaabbatichi kabaja aartiif qabuuf jecha Badhaasa dorgommichaa gara miiliyoona 1 ol guddisuu fi dorgommicha Buufataalee Raadiyoo kutaalee biyyattiitti argaman hundaan kallattiin tamsaasuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.