Fana: At a Speed of Life!

Baratootaaf haala mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra-Ministira Barnootaa

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Baratoota qormaataaf dhufaniif haala mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra jechuun Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeessar Birhaanuu Nagaan himan.

Jilli Ministirichaan durfamuu Yuunivarsiitii Adaamaatti qophii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf kennuuf taasifamaa jiru daawwatameera.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaa daawwannichaarratti, yuunivarsiitiiwwan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf bara 2014 kennuuf qophiin taasisan gammachisaadha jedhan.

Qormaanni hannaa irraa billisa, nagaa fi qulqullinaan akka kennamuuf yaadame ta’u, himanii baratoota qormaataaf dhufan bakka ciisichaa fi nyaata mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra jedhaniiru.

Gama kanaan qophiin taasifameef qaamoolee mootummaa tumsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa baratoota kuma 19 fi 891 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennuuf qophii ta’uu ragaan yuunivarsiticharraa argame ni mul’isa.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.