Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni godina Arsii lixaa qormaata seensaa dhaabbilee barnoota olaanoof qophii gahaa taasisaa jiraachuu himan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Barattoonni godina Arsii Lixaa qormaata seensaa dhaabbilee barnoota olaanoof qophii gahaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Barattoonni godinicha qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoo guutuu biyyatti Onkololeessa 29, 2014 kennamuuf qophii taasisaa jirra jedhan.

Godinichatti waliigalan, manneen barnoota 871, Ifaa Boruu 4, Bu’uura Boruu 159 fi manni  barumsa bultii adda tokko tajaajilaa barnoota idilee laachaa jira jedhu itti gaafatamaan waajjira barnoota godina Arsii lixaa  gargaraan proofesaraa Jaamal Shankoon.

Manneen barnoota kanneen keessatti barattoonni kumni 700 ol barnoota idilee hordofa jiraachuu himaniiru.

Godinichatti bara barnoota 2014’f barattoonni kumni 12 ol  qormataa seensa  dhaabbilee  barnoota olaanoo ni fudhatuun eegamaa.

Godina Arsii lixaatti barattoota qormaata seensa dhaabbiilee olaanoo fudhachuuf qophii irra jiran keessaa barattoonni shamarranii  kuma 4 fi 582 yoo ta’an,   barattoonni dhiira kuma 7 fi 483 qormaticha ni fudhatu jedhan gargaraan proofesar Jaamal.

Qormatichis buufataalee qormaata 54 keessaatti kan laatamu ta’uu himameera.

Tamsa’iina vaayrasii koroonaa ittisuuf talaalliin manneen barnoota godinicha keesaatti kennamaa jiraachuu ibsameera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.