Fana: At a Speed of Life!

“Barattoonni miiliyoona 10.6 sababa dhibee COVID-19tin manatti deebi’anii turan yeroo amma gara barnootaatti deebi’anii jiru’’ – Dooktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo akka biyya keenyatti miiliyoona 26 manatti kan deebi’an yoo ta’u akka naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoona10.6 barnootan ala kan turan ta’uu ibsaniiru.
Barattoonni sababa COVID-19tin manatti deebi’anii turan rakkoo xiinsammuu, tutuqqaa korniyaatif saaxilamoo ta’uu fi gaa’ela umrii maleetif saaxilamuu irraa kan ka’e yaaddoo guddaa sadarkaa maatii fi biyyaatti jiru ta’uu ibsuun dhibichi babal’ataa jiraatus bifa ofeeggannoo qabuun barnoonni akka itti fufuu waliigalaan murtaa’uun jalqabamee jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa kanatti barnoonni marsaa jalqabaa kan kutaa 8ti jalqabamee ture ammatti barattoonni hundi gara barnootatti deebi’anii haala gaariin barachaa jiraachuu dubbataniiru.
Biiroon Barnoota Oromiyaa xiyyeefannoo guddaa taasisuun hordoffii walirraa hin cinnee taasisaa kan jiru yoo ta’u yeroo ammaa barattoonni dhibeef akka hin saaxilamneef haguuggii fuulaa miliyoona20 karoorfamee yeroo ammaatti miliyoona7 raabsamaa jiraachuu himaniiru.
Haala baruubarsiisuu si’ataa,bu’aqabeessaa fi qulqullina isaa eeggate keennuuf barsiisota kuma 200 fi kuma 30 wajjiin marii taasisaa turaniin jalqabarratti sochiin gaariin jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan ji’oottan darbaan keessa qophii barnootaa taasisuu keessatti daree dabalataa kuma 30 kan ijaaraman ta’uu Dooktar Tolaan dubbataniiru.
Biiroon barnoota Oromiyaa barattoota sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa irratti xiyyeefannoo olaanaa kennuun hojjatamaa jiraachuu ibsuun qoruumsi kutaa 8ffaa sirreefamee gara xumuraa irra kan jiruu fi yeroo dhiyyoo keessatti kan ifoomu ta’uu hoogganaan biirichaa ibsaniiru.
Rakkoo jiru afaanin faarsuu caalaa fala rakkinichaa barbaadun dubbii jabduudha ,kanaaf hanqinoota gama barnootaatin jiru hiikuu keessatti hunduu qooda bahachuun murteessadha jedhan.
Barattoonni dhibee COVID-19 irraa of-dagannaa malee dammaqinaan of-eeggachuu qabu.
Maatiin barattootaa,Barsiisonni, barattootaa fi caasaaleen sadarkaan jiran fayyummaan barattootaa karaa eeggameen barnnoonni bara kanaa qulqulinaan yeroo qabameefitti akka xumuramuuf gahee ofii bahachuu akka qabanis Dooktar Tolaan dhaamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.