Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni qabxii darbiinsaa Yuuniivarsiitii fidan filannoo dhaabbilee isaanii hanga Guraandhala 2,2015’tti sirreessuu ni danda’u- MB

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Barattoonni kutaa 12ffaa barana qoramanii qabxii %50fi isaa ol fidaniifi dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa seenuun barachuu barbaadan filannoo dhaabbilee isaanii manneen barnoota isaaniitti  hanga Guraandhala 2,2015’tti sirreessuu kan danda’an ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Gama biraan bara barnootaa 2015’f qorumsi seensa  Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaafi Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Addis Abaabaa kan hin kennamne ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Barattoonni saayinsii uumamaa yuuniivarsiitiiwwan kanneen seenuun barachuu barbaadan qormaanni seensaa waan hin kennamneef barattoonni filannoo isaanii ramadamuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

 

Wayita ramaddii deeggarsa kan barbaadan lakkuuwwan koorniyaa walfakkaataa qaban, haadholiin dhiyeenya da’an(ofkolan), dhukkubsattoonni boordii hospitaalota mootummaan dhibeen isaanii mirkanaa’eefi hordoffii addaa barbaadan iyyataafi sanadoota deeggarsaa isaanii gama marsaritii https://student.ethernet.edu.et qofaa akka ergan ibsameera.

Ministeerichi marsaritii armaan olitti ibsameen ala iyyata gosa kamiiyyuu kan hin fudhanne ta’uu beeksiseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.