Fana: At a Speed of Life!

Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa, Raawwii Kurmaana 3ffaa Manneen Hojii qorachaa jira

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa, Raawwii Kurmaana 3ffaa Bara 2016 Manneen Hojii naannichaa Isaaniif Itti Waamaman Adaamaatti qorachaa jiru.
Caffeen Oromiyaa, Karoora Imala Badhaadhinaa dameewwan misoomaa hundaan qabaman galmaan gahuuf sirna hordoffiifi to’annoo qindaa’aafi dhaqqabamaa ta’ee gaggeessuu irratti argama.
Galmi ijoon hojii kanaas, fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuudha.
Karoorri, Imaammanniifi Tarsiimoon Mootummaan baasee hojiirra oolchaa jiru jijjiirama qabatamaa jiruufi jireenya ummataa irratti fiduun madaalama.
Koreewwan Dhaabbiis, galma gahiinsa hojii kanaa mirkaneeffachuuf hordoffiifi to’annoo dirree Godinaalee, Aanaaleefi Magaalota keessatti hanga Gandaatti gadi bu’uun dhiheenya taasisaa turuun isaanii ni yaadatama.
Koreewwan Dhaabbii Caffee shanan gabaasa raawwannaa hojii hanga Kurmaana 3ffaatti manneen hojii isaaniif itti waamaman irraa dhiyaatuuf dhaggeeffachuun, bu’aa hordoffiifi to’annoo dirree irraa argame qaama gamaaggama kanaa taasisuun gaggeessuu irratti kan argamu ta’uu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.