Fana: At a Speed of Life!

Barnoonni egalamuun dura barsiisonni talaallii COVID- 19 fudhachuu  qabu-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Fulbaana 29, 2014 (FBC)-Barnoonni egalamuun dura barsiisonni talaallii covid 19 fudhachuu akka qaban Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Weerarri covid- 19 of dagannaa hawaasaa, talaallii fudhachuu dhabuu fi gosa covid-19 haaraa Deltaatin  guyyaatti yoo xiqqaate namoonni 44 lubbuun isaanii darbaa jiraachuu kan ibsaniiru.

Dooktar Liyaan kana keessaa torbee darbee qofa namoonni 308 lubbuun isaanii darbee jira jedhan.

Namoota lubbuun isaanii darbe hundi talaallii kan hin fudhannee ta’uus ibsaniiru.

Kanaaf namoonni umriin isaa 18 ol ta’aan hundi buufata fayyaa naannoo isaatti argamutti talaalli fudhachuun lubbuu isaa bararuu qabu jedhan.

Akka OBN gabaaseetti Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa weerara dhibee covid 19 sadarkaa 2ffaa irratti argamuu ishii kan ibsan Dooktar Liyaan, keessattuu naannoo manneen barnootaatti rakkoon kun akka hin cimneef qajeelfama 803 hojiirra olchuun dirqama tahaa jedhan. barsiisonni hundis talaallii fudhachuu qabuu jedhan.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.