Fana: At a Speed of Life!

BBO’n Meeshaalee Barnootaa Birrii miiliyoona 5.8 Naannoo Tigraayiif deeggarsa taasise

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 5.8 ol ta’u Naannoo Tigraayiif deeggarsa taasise.

Meeshaaleen Biirichii deegarsaa taasises, Kompuwutara 61, Dabtara kuma 100, qalama kuma 10 fi meeshaalee gara garaa Birrii miiliyoona 5.8 oitti tilmamman ta’uun eerameera.

Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel akka jedhanitti, Biirichi deeggarsa meeshaalee barnootaa gara garaa taasisuu kan itti fufuu fi naannoon Tigraay hanga deebi’ee dandamatutti tumsa kan taasisan ta’uu himaniiru.

Naannoo Tigraay bakka bu’uun saganticharratti kan argaman Obbo Tasfaayee Araggaaw gamasaanitiin, deeggarsa Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa taasiseefitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, Naannoon Oromiyaa deeggarsa kallattii hundaan taasisaa jiru galateeffachuu ragaan Kominikeeshinii Naannoo Oromiyarraa argame ni mul’isa.

Naannoo Tigraayitti sababa walitti bu’iinsa uumameen Manneen Barnootaafi meeshaaleen barnootaa dhibbeentan 98% ta’an manca’uu kan ibsan Obbo Tasfaayeen, fuulduraattis dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa deeggarsa barbaachisu akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.